Viktooriyaa keessatti Waggaa 11 fi 12 barachuuf karaa 3tu jira
Fuula kana WhatsApp irratti qoodaa
Filannoowwan daandii qo’annoo wal bira qabuu
VCE | VCE Muummee Ogummaa (VCE VM) | Ragaa Barnoota Cehumsa Viiktooriyaa (Victorian Pathways Certificate) (VPC) |
Filannoo guddaadha yoo... | Filannoo guddaadha yoo... | Gorsa mana barumsaa qofaa fi filannoo guddaadhaan, yoo… |
daree keessatti barachuu filattu | addunyaa dhugaa fi daree keessatti barachuu filattu | addunyaa dhugaa fi daree keessatti barachuu filattu |
galma keessaniif ATAR isin barbaachisa | galma keessaniif ATAR isin hin barbaachisu | galma keessaniif ATAR isin hin barbaachisu |
barumsa akaadaamii irratti ofitti amanamummaa horachuu barbaaddu | barumsa akaadaamii irratti ofitti amanamummaa horachuu barbaaddu | dandeettii qabatamaa irratti ofitti amanamummaa horachuu barbaaddu |
waggaa 12 booda battalumatti yunivarsiitiif iyyachuu barbaaddu | waggaa 12 booda battalumatti TAFE, leenjii hojii, leenjii ykn hojii yeroo guutuu hordofuu barbaaddu, yookiin leenjii ykn hojii keessa turtanii booda yuunivarsiitiidhaaf iyyachuu barbaaddu | VCE, VET sadarkaa jalqabaa guutuu ykn hojii yeroo guutuu Waggaa 12 booda jalqabuu barbaaddu |
VCE hojjechuuf qophiidha | VCE hojjechuuf qophiidha | waggaa 11 fi 12 xumuruuf qaxalummaan isin barbaachisa |
Dhaabbileen baay’een iyyattootaaf sagantaalee galmee filannoo kanneen akka iyyannoo waraqaadhaan dhiyaatanii (folio) ykn af-gaaffii koorsiiwwan (courses) yunivarsiitii filatamoo, ykn koorsii digrii hin taane kan akka barnoota bu’uuraa, koorsii qophii, ykn koorsii ragaa, dippiloomaa, ykn digriidhaan walqabatan ni kennu.
Leenjii barnoota ogummaa (VET)
VETn barumsa industirii addaa dandeettii qabatamaa itti guddifattaniidha. Akka qaama qo'annoo VCE, VCE VM ykn VPC keessaniitti hammatamuu danda'a.
Updated