Waliin hojjachuudhaan Victoria bakka hundumtuu wal qixa, nageenyaan keessa jiraatu ijaarrachuu dandeenya.
Qoqqooddanii sanyiinii (racism) maali dhaa?
Balfinni sanyii yeroo namootni sababa sanyii (race) ykn qomoo isaanii irraa kan ka'e loogiin irratti geessisamuu dha. Kan inni of keessatti dabalus arrabsuu, qoodumsaa ykn waan argachuu qaban ykn hiree namoota kaaniif kennamu yeroo kennuufiin dhiisamuu dha.
Qoqqooddaan sanyiinii kara baay'ee of mul'isuu danda'a. Tarsimoon qoqqooddaa sanyii hawaasa keessa jiru furuu:
- irratti xiyyeeffata
- Jaarmiyaalee fi dhaabbilee
- seerawwan, Imaammatawwanii fi sirnawwan
Mul'ata keenya
Victoria qoqqooddaa sanyii fi loogumsaa irraa bilisa taatee, bakka Viktoriyanotni hundi mirga wal qixa, bilisummaa fi ittisa qabaatanii nageenya fayyaalessa fi hawaasa wal gargaaru tahanii waliin jiraatan.
Tarsimoon kun balfina qoqqooddaa sanyii fi loogumsaa Victoria keessaa hir'isuuf galmawwan 4 qaba:
- Galma 1: Ilaalchis, amalli fi amantaan balfina sanyii, addatti beekama, ni didama, fudhatamas dhabsiisama.
- Galma 2: Tajaajilli mootummaa fi bakki hojii kan nageenya qaban, hundaaf banaa tahanii fi loogumsaa hin qabne tahu.
- Galma 3: Qoqqooddaan sanyiinii fi loogumsaan kanaan booda hirmaannaa, guddina, nageenyaa fi milkaahinsa keessatti bakka kamitti illee hudhaa tahuu hin danda'an.
- Galma 4: Namootni qoqqooddaan sanyiinii irratti geessisame gargaarsi nageenyaa fi aadaa isaanii waliin wal fudhatu ni taasisamaaf.
Mul'ata hojii irra oolchuu irratti
Tarsimoon diddaa qoqqooddaa sanyiinii kanneen armaan gadii ni taasisa:
- bakka isportii hawaasaatti guutummaa kutaa biyyaa keessa duula qoqqooddaa sanyiinii dhorku ni gaggeessa
- sadarkaa naannootti qoqqooddaa sanyiinii hanqisuuf tarkaanfii hawaasni fudhatu ni gargaara
- Ittisaawwanii fi seerota kan dubbii fi amala jibbinsaa dhorkan ni jabeessaa
- akkaataa itti dhaabbilee gabaasaa balfina sanyii isaanitti dhiheessamu itti ilaalanii fi deebii itti kennan ni fooyyessa
- imaammata keessatti balfina sanyii fi loogumsaa ni hir'isa
- akka itti hojjechiisoo fi dhaabotni balfina sanyii itti dhorkan fi deebii itti kennan ni fooyyessa
- namoota balfinni sanyii irra geessisame kara walgargaarsa sadarkaa naannootti taasismuu ni gargaara
Jijjiirama taasisamu hordofnee tarsimoon kun qoqqooddaa sanyiinii hir'isuu isaa ni safarra akkasumas hawaasaaf gabaasaa ni dhiyeessina.
Tarsimoo kana maaliif barbaadna
Nuti adda adda
- Viktoriyanotni dhiibantaa 30 (30%) biyya alaatti dhalatan
- dhibbantaa 8 (8%) Ummatnni Australia Jalqabaa (Australia’s First Peoples) Victoria keessa jiraatu
- Victoria keessa namoota qomoo adda addaa 300 ol tahan, afaan fi loqoda 290 kan dubbatan, fi amantaa adda addaa gara 200 gahu kan qabantu jiraata.
Balfinni sanyii amma illee rakkoo dha
- Bara 2022, namoota 5 keessaa 3 dhibbantaa 60 (60%) Australia keessa qoqqooddaan sanyii isaan irra gahuu gabaasan.
- Bara 2023, namoota 5 keessaa 1 dhibbantaa 18 (18%) Australia keessa qoqqooddaan sanyii isaan irra gahuu gabaasan.
- Australiyanota 5 keessaa 3 dhibbantaa 63 (63%) godaantota (migrnat) biyyota Asia, Africa, ykn giddu-galeessa Bahaa ykn amantiin isaanii Kiristaana hin taane jibbinsa qabaniif.
- Australiayanota 5 keessaa 3 dhibbantaa 62 (62%) balfinni sanyii 'rakkoo guddaa' ykn 'akkaan rakkoo guddaa' (faily big problme) tahuutti argan.
Odeeffannoo dhabuu fi hawaasni tajaajila amanuu dhiisuun qoqqooddaan sanyii gahaatti osoo hin gabaasamin akka jiru ibsa.
Eenyutti dubbatnee
Viktoriyanota 670 caalan Ummata Jalqabaa (First People) hawaasa aad-danuu (multicultural) fi amantaa daneessa (multifaith) irraa dhageenyee jirra. Kunneen kan of keessatti dabalatan gaggeessitoota hawaasaa, ogummaa kan qaban fi hojjetoota adda duree (frontline) tahanii dha.
Victoria keessaatti qoqqooddaa sanyii gabaasuu
Eenyu illee qoqqooddaa sanyiidhaaf saaxilamuu hin qabu. Yoo Victoria keessa balfina sanyii ykn loogii (discrimination) agarte gabaasuu dandeessa.
Komishina Hiree Walqixaa fi Mirga Namoomaa Victoria
Guyyoota torbee (weekdays) ganama sa'aa 10 irraa hanga waaree booda sa'aa 2tti 1300 292 153 bilbilaa. Yoo afaan hiikaa bilisaan barbaaddan, 1300 152 494 bilbilaa.
Imeelii enquiries@veohrc.vic.gov.au
Karaa dhoksaa ta'een sarara interneetaa irraan gabaasaa.
Yoo duudaa, dhagahuu hin dandeessu tahe ykn dubbachuu hin dandeenyeTajaajila Irkoo Biyyaalessaa (National Relay Service) qunnami.
Poolisii Victoria
Yeroo hatattamaaf(emergencies), yakka raawatamaa jiru gabaasuuf, ykn poolisiin daddaffiidhaan akka argaman odeeffannoo kennuuf Duwwaa-sadeen (Triple Zero) (000) bilbili.
Kan hatattama hin taaneef, Toora Gargaarsa Bilbilaa Poolisii 131 444 ykn 131 450 irratti bilbilii nama tola afaan siif hiiku waliin itti dubbadhu.
Buufata poolisii naannoo keessan jirutti toora interneetaa irraan gabaasuu dandeessu.
Osoo of hin saaxillee Ittistoota Yakkaatti (Crime Stoppers) 1800 333 000 irratti gabaasuu dandeessu.
Gargaarsaa fi akka itti gabaastu, tarsimoo diddaa qoqqooddaa sanyiini ilaali.
Odeeffannoo dabalataa
Tarsimoo guutuu kana afaan English ykn cuunfaa isaa afaanota kaaniin toora interneetaa irratti ni argatta.
Akkasumas odeeffannoo caaluuf Tajaajila Afaan Hiikaa fi Jijjiirraa (Translating and Interpreting Service (TIS) 131 450 irratti fi Damee Premier fi Cabinet 03 9651 5111 irratti bilbiluu dandeessu.
Gara Damee Premier fi Cabinet kara antiracism.strategy@dpc.vic.gov.au email erguu dandeessu.
Updated