JavaScript is required

Qabiyyee Kinder (Kinder Kits) - Afaan Oromoo (Oromo)

Daa’imni bara 2025 sagantaa Mana Barumsaa Daa’immanii Waggaa Sadii maallaqaan gargaaramu keessatti galmaa’e hundi Qabiyyee Kinder (Kinder Kit) argachuuf ulaagaa ni guutuu.

Qajeelfama Maatiif

Title page on purple background with illustration of two children playing, text  displayed is Guide for Families.

Waa'ee Mi'oota Kinder (Kinder Kit) kee

Xabiisi kan isaan gammachiisuu fi mucaan kee barataa akka guddatuuf gargaara. Warri, kunuunsitoonni fi maatiin imala sanaa keessaa kutaa guddaa dha.

Mi'ootni Kinder (Kinder Kit) kitaabota, waan ittiin xabataa irraa baratan fi wanneen hojjetaman kan mucaan kee fi maatiin manatti dhimma itti bahanii dha.

Mi'ootni Kinder ijoollee umriin isaanii waggaa-sadii tahaniif addatti kan qopheessame of keessaa qaba.

Illustration of three children playing. One is reading a book, one is colouring in, one is holding animal finger puppets.

Barnoota Eegala Ijoollummaa Victoria fi Caasaa Tumsaa (Framework) Guddinaa

Barsiisotni Eegala ijoollummaa fi barsiisotni musaan kee barataa akka guddatu gargaaru.

Sagantaan oolmaa ijoollee Eegala Barnootaa fi Caasaa tumsa Guddinaa (Development Framework) (VEYLDF) Victoria gargaarama.

Wanneen Mi'oota Kinder (Kinder Kit) keessa jiran dhimma barnootaa fi guddinaa kana 1 isaa ykn sanaa ol waliin akka VEYLDF keessa jirutti wal qabatoo dha.

  • Eenyummaa
  • Barnoota
  • Hawaasa
  • Waliin dubbannaa (Communication)
  • Nagahooma (Wellbeing)

Boorsaa dugdaa (Backpack)

Boorsaan dugdaa mi'a itti baatan kan Kinder guyyaa hunda dhimma itti bahuutu danda'ama.

Mucaan kee boorsaa irratti bakka itti barreessamutti waan barreessataniif boorsaan kan ofii isaanii tahuu ni beekan.

Boorsaa dugdaa banii cancala Velkoroo dhaan cufi. Qalbii ofii isaanii keessaa uumanii akka xabatan gargaarami.

  • Mucaa keetiif fannattoo boorsaa dugdaa gabaabaasi ykn dheeressiif, akkasitti dugda irratti baachuuf mijjataaf
  • Haphee biqiltuu fakkaattu (felt stickers) owuruu waan fakkaatu tolchi
  • Bakka maqaan barreessamutti akka fakkoo kaasu jajjabeessi
  • Dandeettii jalqabbii barressuu shaakaluu

Dubbisuu

Dubbisuun akka maatiitti yeroo waliin qabaatuuf guddaa gargaara. Waa dubbisuu fi barreessuuf karaa hedduu barbaachisaa tahee dha.

Itti fufiinsaan oduu durii mucaa keetti himuun hubannaa sammuu fi jechoota guddifachuuf gargaara.

  • Kitaaba waliin filadhaa
  • Bakka banaa tahe barbaadii taa'aa waliin dubbisaa
  • Odichi itti aanee maal jechuuf akka jiru tilmaamaan akka dubbatan yeroo kenniif
  • Sagalee (voice) kee akka adda addaatti dhageessisi

Fakkoo kaasuu fi mallattoo tolchuu (mark making)

Fakkoo kaasuu fi mallattoo tolchuutiin ijoolleen sammuun isaanii waa uumee akka of ibsan gargaara. Waan ittiin barreessan (crayons) waraqaa irratti barreessuudhaan yaaluuf:

  • akka itti barreessan sosoocha'insa qaama isaanii guddisuu irratti hedduu barbaachisa
  • harkii fi iji isaanii wal faana akka deemu wayyeessa
  • Waa'ee halluu (colour), roga (shapes), tarreessaa (pattern) fi sararaa (lines) baruu
  • waan uuman ibsuu
  • kaan waliin dubbachuu.

  • Mucaan kee waan akka fakkootti kaasu akka jaallatu jajjabeessi Fakkoo kaasuun akka mucaan kee of irratti amantii horatu gargaara
  • Osooma dubbataa jirtuu fakkoo kaasi ykn dibi
  • Halluu (colours) fi roga (shapes) isaanii hubadhuu maqaas yaami

Waan hojjetan uummachuu

Waa uumanii ittii xabachuun miirota 5 mucaa keetii hundaa kan - arguu, fuunfachuu (foolii), dhaggeeffachuu, harkaan qabuu fi dhandhamuu (taste) akka itti dhagahamu gargaara. Waa'ee addunyaa naannoo kee jiru akkaataa itti abuurtu (explore), beektuu fi bartu bifa xabiisaatiin si barsiisa.

  • Yeroo akka ijaarsaatti harkaan waa tolchan akka obsa qabaatan barsiisi, jajjabeessi Mucaan kee yoo ijaaruu dadhabe yeroo 3 afuura guddaa baasatee (deep breaths) deebisee yaaluu danda'a.
  • Bukoo ittiin xabatamu (playdough) qodaa golboo keessa kaa'ee akka roga tolchu (shapes), dirriisu (flatten), laaffisu (squish) yaali.
  • Waliin muuziqaa xabachuu. Sagaleen jechuun fi harka walitti rukutuun ykn waan mana kee keessa jiru rukutuun waliin xabadhu.

Xabiisa alaa

Xabiisi alatti bakka eegumsaan jirutti xabatamu guddina, jabinaa fi naghooma mucaa keetiif gahee guddaa qaba.

Ijoolleen:

  • waa'ee umamaa hariiroo isaan saayinsii waliin qaban barachuu danda'u.
  • bilisummaa yaadaa qabaachuu danda'u
  • ijoollota kaan waliin walitti siqeenya gamtoomaa qabaachuu danda'u
  • yeroo xabatan akkamiin waan gaarii akka filatan hubachuu fi baruu danda'u
  • sochii qaama isaanii, harkii fi iji isaanii wal faana ajajamuufi akkasumas dandeettiin sammuu isaanii waa uumuu guddifachuu danda'u.

  • Waa'ee baalaa fi maqaa halluu fi roga adda addaa dubbatu.
  • Waliin biqiltuu dhaabuu.
  • Umama waliin wal barsiisuu. Waa'ee umama naannoo keenyaaf ittisa godhachuu dubbachuu.
  • Cirricha tuuluu.

Xabiisa bifa draamaa

Xabiisni bifa diraamaa akka ijoolleen sammuu isaanii keessaa waa uumanii dubbatanii fi wanneen adda addaa bakka bu'umanii hojjetan jajjabeessa.

Ijoollotni yeroo xabiisa bifa diraamaa tahe keessatti hirmaatan afaan fi dandeettii gamtoomaa guddifachuu danda'u, kunis:

  • jechoota haaraa uumuu fi baruu
  • kaaniif qooduu fi dubbachuu keessatti darabee eeggachuu
  • akkaataa itti walitti dubbatanii fi kaan waliin waliif galan.

  • Maqaa bineensotaa Afaan Ingiliffaa fi afaanota birootiin moggaasi.
  • Arfiilee uumi.
  • Seenaa tolfadhu.
  • Ushuushuu (puppet) hubachuu fi miira fi waan itti dhagahamu akka adda addaatti ibsachuu.

Xabiisa (games)

Xabiisa dorgommii (games) maatii fi hiriyoota (saayibota) waliin xabachuun dandeettii gamtoomaa (social skills) mucaa keetii guddisuuf gahuu guddaa qaba.

Xabiisi dorgommii (games) akka ijoolleen lakkoofsa, afaan fi rakkoo furuu baratan gargaara.

  • Seera xabiisa dorgommii fi darabee eeggachuu baruu.
  • Dandeettii rakkoo furuu fi qalbifachuu shaakaluu.
  • Waa'ee lakofsaa dubbachuu fi mi'oota lakaayuu shaakaluu.

Hawaasa ijaaruu

Xabiisi akka ijoolleen waa'ee ofii isaanii fi wanneen naannoo isaanii jiru hubatan fi baran gargaara. Ijoolleef xabiisaa fi barnootni wal cinaa adeemu. Mi'ooti Kinder (Kinder Kit) keessa jiran akka ati waa'ee adda addummaa fi gara garummaa aadaa dubbattu si gargaara.

  • Mucaa keetti waa'ee biyyoota kan biroo fi beeyilada aadaa isaanii itti dubbadhu
  • Afaan adda addaa eessa irraa akka maddan ilaaluuf kaartaa (map) ilaali.

Eenyummaa kabajuu

Ijoollee waa'ee aadaa hundaa akka baratan jajjabeessuun hubannaa, fudhatamaa fi kabajaa isaanii guddisaaf. Aadaa Aborijinaa fi Torres Strait Islander, fi addana Victoria keessattis aadaa Koorie har'as ni jira, guddachaas jira. Akka barreessitootaa fi suuraa kaasotaatti mi'oota (Kit) kanatti kanneen qabaachuun keenya nu boonsa. Waa'ee durummaa (traditions) fi aadaa Koorie mucaan kee akka baratu kan gargaaru waan takka takka kunoo ti:

  • Mallattoolee Koorie meeshaalee ykn bineensotaaf baradhu
  • Waa'ee aadaa, hangafootaa fi gootota Koorie baruu fi dubbachuu
  • Barbaachisummaa Biyyaaf Beekamtii kennuu beekuu

Weebsaayitiin Waldaa Barnoota Aboorijiinaal Victoria Inc. (The Victorian Aboriginal Education Association Inc.) sochiiwwan bashannansiisoo, hawwataa ta’an kanneen duudhaa fi aadaa Koorie qoratan qaba.

Kitaabota kanneen gurraan dhagahuu hin dandeenyee (Books in Auslan)

Mallattoon kanneen dhagahu-didoo (gurri dhagahuu hin dandeenye) (Auslan) sagantaa Afaan Eegala Ijoollummaa (Early Childhood language) Victoria keessatti dhimma bahama. Sagantaan kun Oolmaa Ijoollee Waggaa-Afurii takka takka keessas ni jira.

Ijoollotni umrii ijoollummaa isaaniitiin afaan kan biraa barachuun fayidaa hedduu qabaaf, kunis:

  • dursanii-dubbisuu fi dursanii-barreessuu baruu isaan gargaara
  • sammuu isaanii guddisa
  • Of-kabajuu (self-esteem) fi nagahooma guddifachuu
  • eenyummaa aadaa isaanii jabeessa.

Kitaabotni hedduu kan bara 2025 Mi'oota Kinder (Kinder Kit) keessatti dabalaman hiikaa warreen gurri hin dhageenyee (Auslan) ni qabu.

  • Afaan warreen gurri hin dhageenyeen (Auslan) miira ofii ibsachuu
  • Afaan warreen gurri hin dhageenyeen (Auslan) akkam jedhi

Nageenya gaarii fi deeggarsa dabalataa

Ijoolleen hundi akka adda addaattii fi yeroo isaanii toletti baratu. Kitaabotni fi wanneen ittiin xabatan (toys) Mi'oota Kinder keessa jiran kara adda addaa dandeettii mucaa kee kan qoran barnootaaf gargaaruu dha.

Yoo ati ykn mucaan kee gargaarsa barbaaddan akka itti aanu kanatti argachuun ni danda'ama:

  • Barsiisotni eegala ijoollummaa dandeettii fi beekumsa ittiin gargaaran ni qaban. Gaaffii kee barsiisaa eegala ijoollummaa mucaa keetti dubbadhu.
  • Gaaffii qabdu waliin mariyatuuf doktora fayyaa ykn neersii fayyaa haadaa fi mucaa waliin baallama qabadhu.
  • Toroa Warraa (Parentline) 13 22 89 irratti tola, kan hiccitiin isaa eegame gorsa qalbii fi gargaarsaaf bilbili.

Dalagaa barnoota Eegala Ijoollummaa keessa

Bakka oolmaa ijoollee Victoria babal'ataa jiru keessa dalaguuf yaaduu eegaluu. Barsiisaa ykn leenjisaa bakka eegala ijoollummaa tahuuf gargaarsa siif godhamu, wanneen jiran:

  • yeroo siif mijjatutti barachuu
  • gargaarsa hedduu gahaas tahe argachuu dandeessa
  • deggersa maallaqaa.
Illustration of two children sitting on the floor playing with blocks while two adults talk, speech bubble from one adult with text

Mi'oota Kinder (Kinder Kit) keessan arjoomuu

Yeroo mucaan kee wanneen Mi'oota Kinder (Kinder Kit) keessa jiru fixu namni kan biroon jaallachuu fi dhimma itti bahuu waan barbaaduuf gargaarsa (charity) kenni.

Yeroo gargaarsa kennuuf murteessitus: waan kana hiriyaa (saayiba) kiyyaaf nan kennaa? kan jedhu yaadi. Yoo deebiin kee eyyee kan jedhu tahe warreen gargaarsaa (charity) kennuu kee sirrii dha.

Dabarsanii gargaarsa kennuun itti fufeenyaa fi jijjiirama qilleensaa jiru of irraa qoluuf akkaan barbaachisaa dha.

Illustration of two children adding kinder kit items to a donations box.

Updated