JavaScript is required

Karaa VCE VM Kamala (Kamala's VCE VM pathway) - Afaan Oromoo (Oromo)

Fakkeenya barataa Muummee Ogummaa VCE baratee.

A teenage girl in a lab coat and protective glasses smiles to someone off camera. She is holding a DNA model in her hands.

Kamala – Ogeessa Laabii

Kamalaan qorachuu, rakkoo furuu fi hojii irratti barachuu jaallatti.

Erga eebbifamtee booda leenjii ogummaa (technician) mana yaalii (lab) ta'uun jalqabuu barbaaddi, sababiin isaas hojii injinariingii, fayyaa fi qorannootti waan nama geessuuf.

Maaliif VCE VM filatte

Kamalaan waggaa 10ffaatti mana yaalaa kilinikaa naannoo sanaa keessatti muuxannoo hojii argatteetti.

Kunis indaastirii qorannoo fayyaa keessatti leenjiin hojii ishee jalqabuuf karaa gaarii akka ta'u ofitti amanamummaa akka qabaattu ishee taasiseera.

Maatii ishee, barsiisotaafi gorsaa mana barumsichaa waliin, waa’ee filannoowwan ishee fi ulaagaalee duraa guutuu ishee mirkaneessuuf haasofteetti.

Maal qo’atte

Kamalaan gosoota barnootaa barumsa hojiirra oolu, qo'annoo ti'oorii fi muuxannoo hojii wal makaa isheef kennan filatte.

Waggaa 11ffaatti:

  • VCE VM Kutaa Dubbisuu fi Barreessuu 1 fi 2
  • VCE Herrega Waliigalaa Kutaa 1 fi 2
  • VCE VM Dandeettiiwwan Hojiin Walqabatan Kutaalee 1 fi 2
  • VCE Keemistirii kutaa 1 fi 2
  • Qo’annoo Dandeettii Laaboraatoorii VCE VET Kutaa 1 fi 2 (Ogummaa Laaboraatooriitiin gara Ragaa IIItti hojjechuu)
  • Beekkamtii Barnoota Bakka Hojii Caasaa VET Kutaa 1: Bakka hojiitti barachuu.

Waggaa 12ffaatti:

  • VCE VM Kutaa Dubbisuu fi Barreessuu 3 fi 4
  • VCE Herrega Waliigalaa Kutaa 3 fi 4
  • VCE VM Dandeettii Guddina Dhuunfaa Kutaalee 3 fi 4
  • Dandeettiiwwan Hojiin Walqabatan VCE VM Kutaalee 3 fi 4
  • Qo’annoo Dandeettii Laaboraatoorii VCE VET Kutaa 3 fi 4 (Ogummaa Laaboraatooriitiin gara Ragaa IIItti hojjechuu)
  • Beekkamtii Barnoota Bakka Hojii Caasaa VET Kutaa 2: Bakka hojiitti guddachuu.

Updated